Urban Tree Planting Kigali SUNCASA

FURMAATAWWAN MAGAALAA UUMAMA IRRATTI HUNDAA'AN

Sochiiwwan SUNCSA’n kuusaa bishaanii deebisuu fi magariisummaa irratti godhu magaalonni Afrikaa qormaata dhiibbaa jijjiirama qilleensaa, keessumaa lolaa fi gogiinsa akka dandamatan gochuu fi akkasumas fayyaa lubbuu qabeeyyii fi ikoloojii cimsuun manca’iinsa lafaa fi bishaanii furuuf kan kaayyeffatedha.

Magaalonni Afrikaa harka sadii keessaa harka lama dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin balaa guddaa keessa kan jiran yoo ta’u, balaawwan kun keessumaa hawaasa baay’ee saaxilamoo ta’an biratti cimaadha. Furmaatonni uumamaa irratti hundaa’an (NbS) mala baasii xiqqaa tiin saaxilamummaa balaa jijjiirama qilleensaa hir’isuuf bal’inaan beekamu, akkasumas bu'aa madaqfamuu fi lubbuu qabeeyyii guddisuuf shoora kan bahudha.

SUNCASA n, saaxilamummaa jijjiirama qilleensaa Dirree Dawaa (Itoophiyaa), Kiigaalii (Ruwaandaa), fi Johaanisbarg (Afrikaa Kibbaa) keessatti dabalaa jiru kan babal'achuu magaalummaa, sirna bulchiinsa jijjiirama qilleensaa reefu jalqabu, bu'uuraalee misoomaa boodatti hafoo, lakkoofsa uummataa guddaa haala hawaas-diinagdee boodatti hafaa, fi jijjiirama qilleensaatti madaquuf hanqina qabeenyaa irraa dhufu furuu ni barbaada.

Dizaayiniin SUNCASA ilaalacha gaarii uumamaa bakka jireenyaa fi walitti hidhamiinsa isaanii, akkasumas bocaa fi dalagaa ikoloojii guddisuuf kan kaayyeffatedha. Sochiiwwan deebisanii dhaabuu fi magariisummaaf sanyiiwwan weerara hin qabne, gosa adda addaa, ikoloojiidhaan kan madaqanii fi bu'aa hedduu qaban fayyadama. Sochiiwwan kunneen lolaa fi sigiga lafaa hir'isuu fi to’annoo dhiqama biyyee, odola ho’a magaalaa hir’isuu kan deeggaran yoo ta’u, akkasumas lubbu qabeeyyii ni eegu.

SUNCASA n bulchiinsa magaalotaa, michoota barnootaa fi hawaasa siivilii, jaarmiyaalee dubartootaa, fi hawaasa tokkoon tokkoo magaalaa NbS naannootti dursi kennamuu qabuufii bocuu, hojiirra oolchuu, to'achuu, fi jajjabeessuu keessatti ni deeggara. Akkasumas SUNCASA michoonni biyya keessaa NbS bu’a qabeessa kan galma madaqsuu haala qilleensaa naannoo milkeessu galmaan ga’uuf ni leenjisa fi humneessa.